ebook img

Urjii Ahmad PDF

68 Pages·2013·1.2 MB·Somali
by  
Save to my drive
Quick download
Download
Most books are stored in the elastic cloud where traffic is expensive. For this reason, we have a limit on daily download.

Preview Urjii Ahmad

Qalama Sunnaa kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad Qalama Sunnaa Kan Ahbaashii Saaxile Qophii: Urjii Ahmad 2013/1434 Email: [email protected] Facbook: http://www.facebook.com/urjii.ahmad Twitter: https://twitter.com/UrjiiAhmad 1 Qalama Sunnaa kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad Seensa Faaruun tan Rabbiitii kan anaaf laaffise Osoon ani hin yaadin kan asiin na baase Nabii koo jaalallee kan ifaan nuuf dhufe Karaa Sunnaa adii irratti nu dhiise Salallaahu Aleyhii wasalam yoomillee Adawwiin Islaamaa ija nutti baafte Diin keenya jijjiruuf kan biraa nuuf fidde Hoggaa tanan aaree garaan na gubate Ahbaashii saaxiluuf qalamaa koo fudhe Kitaaba Rabbii fii Sunnaa Nabii qaphee Maaliifin sodaadha je’ee lafaa ke’e Obboleyyan kiyyaaf waaniin beeku Ibsee Karaa feesbookiitiin Adawwii saaxile Ilmaan Muslimootaa Sunnaa dura qabe Barruu xixxiqoodhaan Saaxiluu jalqabe Rabbiin na waffaqee hedduun wali qabe “Qalama Sunnaadha Kan Ahbaash Saaxile” Jechuun itti baase maqaa kitaabaallee Rabbiin haa naaf godhuu kitaaba barakaa Qoree kokkeedhaatii Adawwii ni gubaa Dasii qalbiidhaati Sunniyyoota hundaaf 2 Qalama Sunnaa kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad Dogongora gartan hunda naaf sirreeysaa Yaada keessan hunda anumaan dhaqabaa Fudhachuuf qophiidha yaa Ilmaan Islaamaa Du’aaillee naaf godhaa qajeelloodhan fedha Akkan irrat du’u karaa Nabii kiyyaa Osoon hin kafarre Sodaa Adawwiidhaa Obboleyyan kiyya kan yaadaan gaggaarii Yoomuun irraanfadhu galata keessanii Rabbii haa badhaasu hunduma keessanii Jannata Saa guddoo tan dhumne qananiin Gumaata: Kitaabni kun Yaadannoo Shahiidoota Asaasaa fii Garbaa, Koree Muslimootaa tan cubbuun hidhaa jirtuuf, Muslimoota hedduu haqa malee saamaman, Hidhaa jiran, Biyyaa bahanii fii Gudeedaman hundaafi. Galata: Koree teenya tan soda malee qabsoytee mataa ol nu qabachiifeef, Muslimoota amata 2ffaa Osoo hin hifanne qabsoo gadhaa jirtan hundaaf, Hiriyoota koo kan Facebook hundaaf, galanni keessan Jannata haa tahu, Nasriin Isin haa gammachiisu. Urjii Ahmad 2013/1434 3 Qalama Sunnaa kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad Waan Kitaabni qabate (Baafata) Mata Duree ------------------------------------------------------ Fuula Seensa--------------------------------------------------------------2-3 Baafata-------------------------------------------------------------4 Filoosoofar Abdullahi Hararii fii Ahbaashii------------------5-9 Falsafaa Islaama himatte---------------------------------------10-13 Ashaa’iraa fii Kijiba Ahbaashii--------------------------------14-17 Ahbaash eenyuun wahbii je’a? mootummaan yoo?----------17-20 Buttuu mataa sadeetii tan mootummaan uume---------------20-23 Ziyaaraa Qabriitii fii kijiba Ahbaashii-------------------------23-26 Kijiboota gurguddaa Ahbaashii--------------------------------27-29 Muslimootaa fii Ahbaashii kamtu yahuudaa wajji jira?-----30-32 Garaagarummaa Suufiyyaa fii Ahbaashii-------------------33-35 Ragaalee Muslimoonni beekuu qaban-----------------------35-38 Suufiyyaa fii Bocolama Isii------------------------------------38-43 Awliyaa fii Kijiba Ahbaashii-----------------------------------43-48 Ahbaashii fii Karaamaa Isaanii wajjii kofla------------------48-51 Sheek Rashaad Ahbaashii hogguu albaasu------------------52-57 Jaalala Rasuulaa s.a.w fii kijiba Ahbaashii-------------------57-62 Mala gabaabaa ahbaashii albaasuuf---------------------------63-66 Xumura---------------------------------------------------------------67 4 Qalama Sunnaa kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad FILOOSOOFAR ABDULLAAHI HARARII FII AHBAASHII. Bara 1910 Magaalaa Harar keessatti dhalate. Abdullaahi Hararii Ijoollummaan Barnoota diina Islaamaa Quraanaa fii Fiqhi bakka dhalatetti baratee jira. San booda gandarraa deemee bakka adda addaatti baratee jira. Dura Inni Suufiyyaa Nagayaa ture, akka warri Isa beeku himutti. Xariiqaa Qaadiriyyaa Hordafaa turuu Isaatis ni dubbatan. Dubbiin Abdullaahi Hararii baduu kan jalqabde gama boodaati. Barnoota irraa Kalaamaa (Falsafaa) jechuun waan beekkamu irratti sa’aa guddoo dabarsee barachuu fii dubbisuu eegale. Ilmul Kalaam (Falsafaan) waan filoosoofii biyya Griikii irraa afaan arabaatti hikkamee Sheekkootiin gariin kitaaba Islaamaatiin walitti laayxe tahuu Ulamaa’iin barreessanii jiran. Warri Salafaa kan akka Imaamu Shaafi'ii Nama Kalaama (Falsafaa) baratuurraa dhorgaa turan. Jallina guddaa tahuu Ibsanii jiran. Abdullaahi Harari gosa barnootaa hundarra barnoota kalaamaa jabeessee barachuu fii dubbisuun sadarkaa Filoosoofaraa gahuu dandahee jiran. Xariiqaan Suufiyyaa Inni gaafa Harar jiru hordofaa ture Qaadiriyaa ture. Garuu xiqqo booda Jimma hoggaa barnootaaf dhaqe Xariiqaa Tijaaniyyaa je’amu hordofuu eegale. Gaafa kana hunda Inni akka boodarra Filoosoofarummaa qofaan beekkame kana osoo hin taane Ilmii diinaatis hordofaatuma ture. Fiqhii Shaafi’ii Baratee akka gaaritti hubatee jira, Hadiisa muraasa baratee akka Haffaze namoonni gaafa duraa Isa beekan ragaa bahaniifii jiran. 5 Qalama Sunnaa kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad Duuba akkuma gubbaatti Isiniif hime wanni Isa laaqe Ilmii kalaamaa (Falsafaa) waan je’amu kana guddisuu Isaati. Inni Ilmii falsafaa kana ni dhuge, ni haffaze, ni jaalate, baqaa maal goota Abbaa Isii tahuu dandahe. San booda Hadiisaa fii Fiqhii beeku hunda Falsafaan wal bira qabuu eegale, achii “Rabshaan” Isaa eegalte. Harar bakka dhaloota Isaatti Falsafaa akka malee baratee itti deebi’e. Jechoonni Isaa nama ajaa’ibuu eegalan, gariin jaalatanii jecha akkanaa babbareedaa dhageenyee hin beynu jechuun Isa deeggaraa kan turanis ni jiran. Hararitti Soddaa Isaa (Jaarsa Obboleettii Isaa), kan Madrasaa banee Hawaasa Harar barsiisaa ture, Sheek Yusuuf Abdurhamaan Kafarsiisee lola itti bane. Madarsaa Wahbiyyaa je’e bakka bu’aa Hayla Silaasee kan Harar bulchaa ture Andaargee Nafxanyaa jara Quraana Barsiisutti kaase. Barsistoonni gariin hidhamanii hidhuma keessatti du’an. Gariin biyyaa bahan. Madraasnis ni cufame. Abdullaahi Hararii ni gammade. Booda Abdullaahi Hararii biyyatti waan akka malee jibbameef Hajjiif biyyaa bahee Qudsii (Beytal Madas), Sooriyaan naannawee Beeruti qubate. Hanga kana hunda Abdullaahi Harari namoota tokko tokkoon walitti bu’uu fii Kafarsiisuu bira hin dabarre ture. Amma biyya Arabaa Tanatti Ilmii Kalaamaa (falsafaa) irra gad taa’e. Kitaaba isii hunda qara’ee Sadarkaa Filoosoofara dhumaa tahe. Hadiisaa fii Fiqhiin barates Falsafaa wajjiin walitti jalaa laaqamte. Akkatti Rabbiin booddee Isa balleesse. Suufiyyummaa duraan hordofu dhiisee Xariiqaa Shi’aa wajjiin walitti dhufu Riifaa’iyyaa hordofuu eegale. Falsafaa Shii’aa hunda dubbisee abbaa itti tahe. 6 Qalama Sunnaa kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad Falsafaa jechuun sammuun waan hundarra gahuu fedhuudha. Quraanni yoo waan takka jee Sammuun maaliif, akkamitti jechuun yoo sammuun itti geesse ni fudhatta ykn hikkaa jijjiruu ykn diduudha. Akkanatti Isaa Filoosoofara guddaa tahe kana Amantii haarawa “Firqaa” hundarraa waan sammuun namaa jaalattuu fii zamanaa wajjiin deemuu dandahu walitti qabee Ahbaashii Uumee. Ahbaashiin Bara 1983A.L.F magaalaa Beeruut, Libaanoosii keessatti uumamte. Dura Abdullaahi Harari Yahuudaa wajjiin qunnamtii qabaachuu Isaatiif ragaan gahaan arge hin jiru. Garuu erga Amantii harawa argamsiisee waan Isaaniif taateef Yahuudaan gargaaruu eegaltee jirti, ammallee ni gargaarti. Kana Isaanuu hin khaadan. Linki kana laalaa: Nuti yahuudaa wajjiin jaalalleedhaa je’anii tarree 4ffaarra jiran. http://www.adl.org/philadelphia/coalition.asp Yahuudaan Muslimoonni Adunyaarra jiran Ahbaashii akka tahuu qaban yeroo hedduu Ibsaa jiran. Amantii bareedduu akka taate ragaa bahaa jiran. Kitaaballee gargaarsa Ahbaashiitiif Dr. Hagaay Elriich Yahudichi je’amu barreessee jira. Mootummaan Itiyoopiyaa kitaaba qaalicha Yahuudaa kanarra dhaabbachuun Ahbaashiif gargaarsa godhuu akka qabduu fii waan Isaan malee jiru dhabama godhuu akka qabdu murtiirra geessee jirti. Kitaaba Hagaay Yahudichi Je’amu barreesse argachuuf linkii kana tuqaa: http://aigaforum.com/documents/Al-Ahbash-whaibyya.pdf. Ahbaash Maali? Ahbaash jechuun Habashaa ykn Habashii jechurraa fuudhame. Nama lafa Habashaa jechuudha. Abdullaahi Harari nama 7 Qalama Sunnaa kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad Habashaa waan taheef Amantiin Inni uume maquma Ahbaash je’amuun akka beekkamtu taatee jirti. Kanas namni khaadu hin jiru. Habashii jechuun Nama habashaa tokko kan dhiira. Fkn. Bilaal Al-Habashii Habashiiyyaah jechuun nama habashaa takka tan dhalaati. Fkn. Ummu Ayman Al-Habashiyyaah Nama habashaa hedduun ammoo Ahbaash je’ama. Maqaan amantii Ahbaashii kan seeraa “Association of Islamic Charitable Projects (AICP)” afaan faranjiitiin hoggaa tahu, Afaan Arabaatiin “ ةيملاسلإا‏ةيريخلا‏عيراشملا‏ةيعمج‏‎ “ je’amuun beekkaman. Web site (Toorri Intarneetaa) Isaanii Maqaa Isaanii kan seeraa kanaan moggaafama: http://www.aicp.org/ Ahbaash jechuun akka gubbaatti dubbanne kana. Garuu “Firqaan” Abdullaahi Hararii Ahbaash jechuun beekkamanii jiran. Isaanis itti if yaaman akka Seeratti Hayyama maqaa kanaan qabaachuu baatanis ittin beekkamanii jiran. Kanaaf amma booda Ahbaash, Ahbaashii, Habashii jechii je’uu Amantii Haarawa tana baana malee, warra lafa Habashaa jechuu miti. Ahbaash amantii je’amtu jechuu kiyya. Amantiin Ahbaash hordooftoota guddaa lafa Habashaa keessaa hin qabdu. Hordooftoonni hedduun warra Libaanoosi, hanga nama Miliyoona tokko tahuu hin olaniitu shakkama. Abdullaahi Harari Filoosoofarummaa qofaan Osoo hin tahin abbaa falsafaa Ahbaashii tahuun beekkamee hanga guyyaa du’uu jaarmaya kanaaf itti gaafatamaa fii abbaa ture. Fulbana 2, 8 Qalama Sunnaa kan Ahbaashii Saaxile Urjii Ahmad 2008 du’ee Awwaalame. Ahbaashiin “hin duunee ni xawaafe je’anii beeki” (naman kofalchisanii!). KIJIBA FILOOSOOFAR ABDULLAAHI HARARIIRRA KAAYAME. Namoonni tokko tokko hoggaa aaran kijibaanis tahu nama san arrabsuu jaalatan, suni dogongora. Islaamni kijibarraa dhorgee jira. 1. Inni yahuudaa jechuun kijiba. (Inni Adaree ykn Hararii gosa je’amtu keessatti gosa beekkamtudha.) 2. Salaanni lama je’a jechuunis kijiba Inni salaata lama osoo je’e dubbiin Isaa akka hin fudhatamne ni beeka, gawwaan fedheehu salaata lama ati jennaan salaatuu baatus si biraa fiiga. 3. Dhalaan akka salaata salaachiftu hayyame jechuu kanas ragaa qabatamaa namni fide hin jiru. (kijiba tahuu hin olu). SHAKKII JIRTU: Namoonni tokko tokko kan durirraa Isa beekan kitaaboota amma maqaa Isaatiin jiru kana inni barreessuu Isaa ni shakkina je’an. Filoosoofara Abdullaahi Harariin Isaan akka je’anitti Sheeka Suufiyyaati malee akka amma kitaaba Isaa keessatti dubbatamu kana nuti irraa hin beynu je’an. Sanirraa Sheek Muhammad Rashaad Abdullee “dubbiin je’amtu tun hundi Kitaaba Isaa keessa yoo dhugaan jiraatte, darasaan Isaa godhuu hin olan jechuun shakka” je’a. Hundaaf seenaan Isaa gabaabsinee kana fakkaata. Ahbaashiin akkatti argamuu dandeesse. Rabbiin Jallina Jallisaa hundarraa nu haa baraaru. Aamiiin. 9

Description:
afaan arabaatti hikkamee Sheekkootiin gariin kitaaba. Islaamaatiin walitti sahaabaa irratti dubbatan walaloo gabaabaa kana. تﮐﺳﻧ بﺎﺣﺻﻟا نﯾﺑ ىرﺟ
See more

The list of books you might like

Most books are stored in the elastic cloud where traffic is expensive. For this reason, we have a limit on daily download.